Waltajjiin hariiroo seera raawwachistoota Federaalaa fi naannoo gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2014 (FBC)- Sirna hariiroo mootummoota federaalaa murteessuuf kan hundaa’ee waltajjiin hariiroo seera raawwachistoota Federaalaa fi naannoo gaggeeffamaa jira.

Sirna hariiroo murteessuuf kan ba’ee  laabsii lakkoofsa 1231/2013’tiin kan hundaa’ee Waltajjiin hariiroo seera raawwachistoota Federaalaa fi naannoo magaalaa Baahir Daariitti gaggeeffamaa jira.

Waltajjichi Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadii kan durfamuu yoo ta’u, itti aanaan Muummee Ministiraa, preezdaantoonni naannoolee, kantiiboonni bulchiinsa magaalaa lameenii fi hoggantoonni olaanoon federaalaa fi naannolee argamaniiru.

Waltajjichaan haala waqtaawaan biyyaarratti baldhinaan mari’achuun murtoowwan garaagaraa ni dabarsuun kan eegamuu ta’u ragaan waajjira dhimmoota kominikeeshinii naannoo Amaaraarra argamee ni muudhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment