Finfinnee, Onkololeessa 13, 2014 (FBC)- Waltajjiin Gumii Balal marsaa 14ffaan har’a mata duree gahee rogeeyyiin (Aktivistoonni) misoomaa fi rakkoo uummataa furuu keessatti qaban jedhuurratti mar’atamaa jira.
Rakkoo uumamaas tahe namtolchee furuu keessatti gaheen miidiyaalee hawaasummaa olaanaadha,Faallaa kanaas yoo seeraan itti dhimma hin baane balaa miidiyaaleen Hawaasummaa geessisan gudaadha.
Qopheessummaa Waajjira Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin dhimmoota biyyaa fi Naannoo irratti hayyoota hirmaachisuun kan mari’achiisu Waltajjiin Gumii Balal marsaa 14ffaan har’a mata duree Gahee Rogeeyyiin (Aktivistoonni)Misoomaafi Rakkoo Uummataa Furuu keessatti qaban jedhuun mari’achiisaa jira.
Rogeeyyiin miidiyaa rakkoo biyya mudate furuuf gahee guddaa qabu.
Balaawwan uumamaafi namtochees wayita biyya mudatan Rogeeyyiin miidiyaa Hawaasummaa rakkoon mudate dafee hawaasa bira akka qaqqabuufi furmaata akka argatuuf shoora olaanaa taphachuu danda’u.
Keessumaa rakkoon hawaasa wayita mudatu atattamaan akka furmaata argatuuf rogeeyyiin roga gaariin rakkicha ibsuun baayyee barbaachisaadha.
Wantoonni miidiyaa Hawaasummaa irratti maxxansinu hundi miira itti gaafatamummaatiin osoo tahees gaariidhaa jedhaniiru Hayyoonni.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.