Waltajjiin Gumii Balal 32ffaan gaggeeffama jira

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC)-Waltajjiin Gumii Balalaa marsaa 32ffaan mata duree “Waadaa fi gocha, dhaloota hanga dhaloota” jedhun gaggeeffamaa jira.

waltajjicha irratti Hoggaanaa Biiroo Koomikeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluun Addunyaa dabalatee hayyoonni, barattoonni manneen barnootaa garaagaraa hirmaacha jiru.

Mariif yaada ka’umsaa kan dhiyeessan Barsiisaan Yuunivarsiitii Kotobee Dooktar Yooseef Beekoo, dhaloonni waadaa fi gochaan walitti hidhame ijaarsa biyyaaf bu’aa olaanaa buusuu akka danda’u himaniiru.

Dabaltaan dhaloonni ida’amuu dhaloota waadaa gochatti jijjiiruu fi dhaloonni waadaa gochaan dhugoomsu horachuun egeree biyyaa utubuu akka ta’e ibsaniiru.

Dhaloonni Ida’amuu dhaloota dubbisuu fi beekumsaan hojjachuu danda’u ta’uu qaba jedhan.

Kitaabni Ida’amuu waadaa dhalootaa kan gabbisuu fi duudhaa Oromoo keessatti bakka olaanaa kan qabu ta’uu yaada marii kanarratti ibsameera.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa, sochii hawaasa diinagdee fi siyaasaa milkeessuu keessatti dhaloonni ida’amuu iddoo olaanaa qaba jedhan.

Dhaloonni Ida’amuu itti fufiinsaa fi jijjiirama dhaloota boruutiif murteessaa ta’uu kaasanii, dhaloonni ammaa cimina dhaloota kaleessaa irraa barate bu’uura godhachuun biyya jabduu ijaaruuf hojjachuu akka qabu himaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment