Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) – Waltajjiin dubartootaa sadarkaa magaalaa Galma Barkumeetti taa’amaeera.
Waltajjichi mata duree ” Gamtooman gara badhaadhinaa” jedhuun gaggeeffameera.
Waltajjicharratti preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee, muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman argamaniiru.
Yeruma kanattai muummee ministiraa ergaa dabarsaniin badhaadhina Ityoophiyaa milkeessun hirmaannaa dubartootaa fi haadholii malee hin ta’u jedhaniirtu.
Dubartootaa fi haadholiin nageenyaa fi tokkummaa barsiisuu akka qabanis dhaamaniiru.
Paartileen morkattootaa qeeqa keessaa ba’anii yeroo qabanitti hirmaannaa hawaasaa amaleeffachuu qabus jedhaniiru.
Sochiin misoomaa magaalaa fi baadiyyaa kan cimee itti fufu ta’uus eeraniiru.
Waltajjii har’aarratti hirmaattonni kumni 20 ol argamaniiru.