Waltajjiin dargaggootaa haala waqtaawaa biyyarratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti ta’amaa jira

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC)- Magaalaa Finfineetti waltajjiin haala waqtaawaa biyyarratti xiyyeeffate dargaggoota kutaa magaalaa adda addarraa walitti babba’aan hirmaachisee gaggeeffama jira.
Waltajjicharratti haasaa kana taasisaan itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, Ityoophiyaan laafteetti wayita jedhan biyya jabaattuudha jedhaniiru.
Garee ABUT seeraatti dhiyeessuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf duula gaggeeffamurratti ummaanni deggarsa raayyaa ittisa biyyaaf taasisaa jiruf agarsiiftudha jedhaniiru.
Bulchiinsi magaalichaas dargaggoo nageenyaarratti, diinagdee fi carraa hojii umuun fayyadaama taasisuuf hojjatama jiraachuu ibsaniiru.
Carraa hojii umamuun dargaggoon %70 ta’an fayyadamaa taasisuuf galteen ka’amuus eeraniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Comments (0)
Add Comment