Finfinnee, Mudde 2, 2016 (FBC)- Waltajjiin daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaa Kuwaataar Dohaatti gaggeeffameera.
Waltajjichi tumsa Itiyoophiyaa fi Kuwaatar daldalaa Abaaboon akkasumaas Qonna ammayyaa fi Tuuriizimiin, walta’iinsa diinaagdee qaban cimsuuf akka ta’e eerameera.
Waltajjichi qindeessummaa Embaasii Itiyoophiyaa Kuwaataar jiruun kan qophaa’e yoo ta’u, Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambasaaddar Misgaanuu Argaan hirmaataniiru.
Waltajjicharratti Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaa, Ministir Deetaa Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kasaahuun Gofee, Komishinara Komiishini Invastimati Itiyoophiyaa Lalisee Nameen hirmaataniiru.
Kuwaataaritti Ambaasaddarri Itiyoophiyaa Fayisal Alii fi Komishinaraa Jeneraalaa Agarsiisaa Dohaa Ambaasaaddar Badar Biin Omaar Al Daafuu argamaniiru.
Akksumas, Intaarpiraayizonni Kuwaatar, hawaasni Itiyoophiyaa waltajjicharratti hirmaachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Ambaasaaddar Misgaanuun waltajjicharratti hasaawaa taasisaniin, abbootiin qabeenyaa Kuwaatar Ityoophiyaatti hojiilee invastimantii garaagarratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.
Itiyoophiyaan dameelee Qonnaan, Kuduraa fi Muduraan, Bunan, Tuuriizimii fi dameelee misooma biroorratti qabeenya misoomu danda’aniin kan badhaatee ta’uu ibsaniiru.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.