Waltajjiin buna bosonaa Ityoophiyaa ilaalchisuun Jaappaanitti gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Waltajjiin buna bosonaa Ityoophiyaa ilaalchisuun Jaappaan Imbaasii Ityoophiyaatti gaggeeffame.

Waltajjii qophaa’e kanarratti buna bosonaa Ityoophiyaa ilaalchisuun barreeffamoonni hubannoo uumaan dhiyaachuun ibsi irratti laataameera.

Waltajjicharratti sirni aadaa buna danfisuu Ityoophiyaa dhiyaateera.

Imbaasiin Ityoophiyaa Jaappaan waltajjiin kun haala gaariin akka gaaggeeffamuuf Proojaktii Afrikaa Riikaayii fi Ejansii Tumsa Idila Addunyaa Jaappaan galateeffachuu ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Jaappaanirra arganne ni muldhisa.

Comments (0)
Add Comment