Waltajjiin beekkamtii kennuu tumsitoota Hidha Haaromsaa gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 16, 2016 (FBC)- Waltajjiin beekkamtii kennuu tumsitoota Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa Magaalaa Baatuutti gaggeeffameera.

Waltajjicha irratti Pirezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Walitti Qabaan Mana Maree Hirmaannaa Ummataa Pirojektii Hidha Haaromsaa Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin, ijaarsa biyyaa fi imala badhaadhinaa milkeessuu keessatti dargaggoonnii fi dubartoonni gahee murteessaa qabu jedhan.

Uummanni keenya hiyyummaa ofirraa buqqisee biyya badhaate ijaaruun bilisummaa dinagdee dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Ijaarsa pirojektii Hidha Haaromsaa sadarkaa xumuraarra gahe yeroo gabaabaa keessatti xumuruun injifannoo dhaloonni faarsaa itti fufu galmeessisuuf hirmaannaa olaanaa taasisuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Daayrektarri Olaantuu Waajjira Qindeessaa fi Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsaa Naannoo Oromiyaa Aadde Qoonjiit Baqqalaa, caasaalee fi gurmaa’insa Hidha Haaromsa deebisanii haaressuun, hirmaannaan naannichaatti taasifamaa ture olaanaa ta’uu dubbatan.

Bara 2015 simannaa Waancaan galii walitti qabame keessa Birrii biiliyoona 1.8 ol keessaa liigiin dargaggootaa fi dubartootaa Oromiyaa Birrii miiliyoona 397 ol gumaachaniiru jedhan.

Waltajjicharratti Kantiibaan Magaalaa Baatuu Obbo Ahimaddiin Ismaa’el, Magaalaan Baatuu hojiilee misoomaaf dursa kan kennitu ta’uu eeranii, hojiileen sassaabbii Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa milkaa’uu himan.

Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa keessatti jaarmiyaalee dubartootaa fi dargaggootaa akkasumas qaamolee gahee olaanaa bahataniif beekamtiin kennameera.

Dinqaa Baacaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment