Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Waltajjii sosochii Ityoophiyaan haa Oomishtuu booda Indaastiriiwwan cufamanii turan 34 gara hojiitti deebi’uu Biiroon Daldalaa fi Indaastirii naannoo Sidaamaa beeksiise.
Sosochichi sadarkaa naannotti erga eegalamee booda Indaastiriiwwan cufamanii turan 34 gara hojiitti deebi’uu Hogganaan Biiroo Daldalaa fi Indaastirii naannoo Sidaamaa obbo Ashaagiree Jambareen eeraniiru.
Indaastiriiwwan biroo oomisha isaanii haala fooyya’aan gara alaatti ergaa jiraachuu himaniiru.
Rakkooleen hanqina Humna Elektirikaa, Kaappitaalaa, dhiyeessii bu’uuraalee fi ga’umsaa sadarkaa sadarkaan furamaa jiraachuu eeruu ragaan Biiroo Daldalaa fi Indaastirii naannoo Sidaamaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.