Waltajiin Mariin hawaasaa Magaalaa Shaggaritti gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2016 (FBC)- Waltajiin Mariin hawaasaa bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti gaggeeffamera.

Waltajjichi “Gargaaramuu irraa gara oomishtummaatti, birmadummaa fi kabaja biyyaalessaaf” jedhuun hawaasa kutaalee Magaalaa Shaggar hunda hirmaachise kutaa Magaalaa Buraayyuutti gaggeeffameera.

Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan haasawaa taasisaniin jireenya hawaasa magaalattii jijjiiruuf hojiileen misoomaa garaagaraa hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Ministirri Karooraafi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan, Itiyoophiyaan biyya birmadummaa ishee eeggattee har’a geesse ta’uu himanii, gara fuulduraattis weerara alaa fi keessaa qolachuun birmaddummaa ishee tarkaanfachiisuu qabna jedhan.

Biyyi keenyas karoora misoomaan insheetiviiwwan oomisha qamadii eegalteen ofirra darbitee biyya alaatti erguu yaadachiisan.

Hawaasni kutaalee Magaalaa Shaggarirraa hirmaatanis hojiiwwan misoomaa akka biyyaattiitti hojjetaman kan dinqisiifatan ta’uun, hojiin misoomaa mana ofiirraa akka eegalus dubbataniiru.

Dabalataanis, tumsa hojiiwwan misoomaa keessatti gahee isaanii akka bahatanii fi rakkoowwan bu’uuraalee misoomaa qabaniis mootummaan akka furuuf gaafataniiru.

Tasfaayee Ijjiguutuu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment