Walta’iinsi loltummaa Itiyoophiyaa fi Afrikaa Kibbaa cimee kan itti fufu ta’uun ibsame

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC)- Walta’iinsi loltummaa akkasumas muuxannoo waljijjiirraan Itiyoophiyaa fi Afrikaa Kibbaa cimee kan itti fufu ta’uu Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan.

Fiildi Maarshaal Birhaanuun, garee jilaa isaanii waliin daawwannaa hojii Afrikaa Kibbaatti taasisaan xumuruun deebi’aniiru.

Turtii isaaniin Ministiraa Ittisa Biyyaa Afrikaa Kibbaa Taandii Moodiisee, Ajajaa Raayyaa Ittisaa Biyyattii Jeneraal Ruudzaanii Maafwaaniyaa, ajajoota humna addaa fi humna qilleensaa biyyattii, hoggantoota dhaabbilee teeknooloojiiwwan meeshalee waraanaa oomishuurratti bobba’an waliin mari’ataniiru.

Fiildi Maarshaal Birhaanuun akka jedhanitti, hariiroon biyyoota lameenii waggoota dheeraa kan lakkoofsisee fi seena qabeessa ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan yeroo qabsoo farraa appaartaayidii qabsaa’otaa bilisummaa fi hoggantootaaf deeggarsa leenjii kenniteetti.

Fuuldurattis, walta’iinsa loltummaa biyyattii fi muuxannoo waljijjiirraan cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Jeneraal Ruudzaanii Maafwaaniyaa gamaa isaaniin, Itiyoophiyaan jalqabbii Paan Afriikaaniizimii, gita bittaaf kan hinjilbeenfanne akkasumas biyyoonni Afrikaa biroon akka bilisa ba’aniif adda durummaan tumsa kan taasifte ta’uu dubbataniiru.

Gareen jilichaa turtii isaan Humna Qilleensaa Maakaadoonii fi Giddugala Leenjii Humna Addaa Falaaboorwaatti argamuun, xiyyaarotaa waraanaa ammayyaa’oo akkasumas gurmaa’iinsaa fi hidhannoowwan humna addaa daawwataniiru.

Garichi godambaa Appaartaayidii fi mana jireenyaa seenaa qabeessaa Neelsan Maandeellaan hidhamuun dura keessa jiraatan daawwataniiru.

Dabalataan Afrikaa Kibbaatti dhaabbilee oomisha teeknooloojiiwwan meeshaalee waraanaarratti bobba’an waliin teeknooloojiiwwan loltummaarratti mari’achuu ragaan Piriitooriyaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment