Waloon hojjechuu Poolisii fi ummataa kan cimsu Gareen Gorsaa Walabaa hundeeffame

Finfinnee, Mudde 13, 2015(FBC)- Walta’iinsaan waloon hojjechuu poolisii fi ummataa kan cimsu gareen gorsaa biyyaalessaa walabaa hundeeffameera.

Gareen Gorsaa Walabaa Biyyaalessaa, miseensota jaarsolii biyyaa, abbootii amantaa akkasumas waldaalee siviilii fi kutaalee hawaasaa biroo kan hammate ta’uun kan eerame, tajaajila poolisii caalaatti saffisiisuuf kan hojjetu ta’uun ibsameera.

Gareen Gorsaa Walabaa kun walitti qabummaa Komishinaraa Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Federaalaan kan hogganamu yoo ta’u, walta’iinsa poolisii fi hawaasaa kan cimsu, akkasumas tajaajila poolisii saffisiisuuf murteessaa ta’uun eerameera.

Gareen gorsitoota walabaa kun hundeeffamuu kan labsaan Afyaa’iin Mana Mare Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasaa Caafoo, gurmaa’insichi yakkootaa fi yaaddoowwan yakkootaa adeemsa hir’isuu keessatti gumaacha ni qabaata jedhaniiru.

Keessumaa yaaddoo yakkootaa hir’isuu fi ittisuu akkasumas, haala jireenyaa hawaasaarratti jijjiirama fiduuf kan hojjetu ta’uun ibsameera.

Poolisiinis yakki raawwatamuun dursanii ittisuuf odeeffannoowwan barbaachisoo, kalattiiwwan furmaata waloon kaa’uu fi kaayyoowwan biroo kan bu’uureffate ta’uu TOI gabaaseera.

Gareen Gorsitoota Walabaa Biyyaalessaa kun duraan naannoleetti hundeeffamuun bu’aa argamsiisuun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment