Waloomni eenyummaa kaleessaa, Birmadummaa har’aa, carraa boruuti-TKM

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC)- Waloomni eenyummaa kaleessaa, birmadummaa har’aa, carraa boruuti jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi har’a Guyyaa Waloomaa Qaammee 6 sababeeffachuun ibsa baaseen, waa’ee waloomaa yeroo hundaa dubbachuun kan barbachiseef itti fufiinsaa egeree keenyaaf wabii waan ta’eefi jedheera.

Waliin jireenya Itiyoophiyaanummaa wayita jedhamu, biyya sodaa kamirraayyuu ittisuu fi misoomsuun damee hundaan fayyadamummaa haqa qabeessaa mirkaneessuu fi yeroo qormaattatti waloon dhaabbachuun faayidaa biyyaalessaa waaraa mirkaneessuun akka ta’e ibseera.

Waloomni tokkummaa sabdaneessummaa kan cimsu, heddummina keenya maddaa cimina kan taasisu, waliif yaaduun yaadamaa fi hojii hawaasaa siyaas-diinagdee cimaa tokko ijaaruuti jedheera.

Ummanni Itiyoophiyaa dhiigaan, dinagdeen, seenaan, amantaan, xiinsammuu fi aadaan, akkasumaas dhuudhaalee hawaasummaa biroon kan walitti hidhame ta’uu ibseera.

Uummanni Itiyoophiyaa eenyummaa isaa kaleessaa, egeree borii fi carraa fuuldureen kan walitti hidhame ta’uun dhuudhaa aadaa, maddaa diddaa kan ta’e, waliin jireenyi isaa cimee itti fufuun daandii filmaataa biraa hinqabneedha.

Qoqqoodamuu fi addaa ba’uun akka ummataa fi biyyaatti nu xiqqeessuu malee bu’aa fi injifannoo akka hinqabne eereera.

Itiyoophiyaan tokkummaan kabajamtee fi sodaatamtee akka turtu wareegamni abbootiin kaffalan gatii waliin jireenyi egeree biyyaaf qabuu madaaluun ta’uu yaadachiiseera.

Dhaloonni haaraanis, tokkummaa fi waliin jireenya biyya isaa irratti baandaawwan biyya keessaas ta’e diinota alaan haleellaawwan aggaamamanii fi shiroota xixaman kamuu hubachuun akkuma abbootii isaanii waliin jireenyaaf hojjechuu qaba jedheera.

Qaamolee ilaalchaa fiinxaalessummaan tokkummaa fi waliin jireenyaa diiguuf tattaafataan dhageetti dhowwachuun, kaayyoo isaanii fashaleessuun, nageenyaa biyyaa fi ummataa mirkaneessuun kan irraa eegamu ta’uu himeera.

Finxaaleyyiin waliin jireenyi hinliqimfamneef, sabaa fi saba, amantaa fi amantaa walitti buusuun, waliin jireeya yeroo dheeraa lakkoofsise diiguuf fageenya dheeraa deemanis, yoomiyyuu kan hinmilkoofneef ta’uu itti argisiisuun barbaachisaa ta’uu beeksiseera.

Har’a Guyyaan Waloomaa yoo kabajamu, Itiyoophiyaa gamtaan ijaaramtee fi wareegama waloon eegamtee har’a geesse ta’uu duubatti deebi’uun yaadachuu qabna jedheera.

Egereen keenya caalmaan kan walitti hidhame ta’uu hubachuun gochaalee fi ilaalchota waliin jireenyaa qoran irratti qabsaa’uuf guyyaa kutannoo qabnu itti haaressinu ta’uu akka qabus dhaameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment