Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC) – Godina Walloo Kaabaa Aanaa Maqeetii fi aanaalee biroo to’annoo jala oolchuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Godina Walloo Kaabaa aanaalee kanneen akka Maqeetii fi biroo loltoota garee ABUT harka ture harkaa baasuuf Raayyaan Ittisa Biyyaa tarkaanfii fudhachaa jiraachuu hogganaan adda waraanaa Walloo Kaabaa Koorii 112 Birgaadeer Jeneraal Alamuu Ayyannoo himaniiru.
Kallattii olaantummaa seera kabachiisu ka’aameen Raayyaan Ittisa Biyyaa garee ABUT irratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuu Birgaadeer Jeneraal Alamuu Ayyannoon dubbataniiru.
Aanaalee kanneenitti miseensoonni Raayyaa Ittisaa Biyyaa Koorii 112 fi Koorii 210 tarkaanfii fudhachaa jiraniin ABUT naannicha gadi dhiisee dheeffaa jiraachuu eeraniiru.
Gammachuu Beekumatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.