Waljijjiirraan muuxxannoo hoggantoonni MMBUfi Af-Yaa’iiwwan manneen maree naannolee Hinditti taasisan dippiloomaasii paarlaamaa kan cimse- MDhA

Finfinnee, Guraandhala 19, 2015(FBC)- Waljijjiirraan muuxxannoo hoggantoonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Af-Yaa’iiwwan manneen maree naannolee Hinditti guyyoota sadiif taasisan dippiloomaasii paarlaamaa kan cimse ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibse.

Waljijjiirraa Muuxannoo kanaan hojiimaataafi gurmaa’insa paarlaamaa Hindi, haalaafi naamuusa miseensonni paarlaamaa biyyattii itti gaaffii dhiyeessan, naamuusa paarlaamaa, haala seerri ittiin bahuufi murtoo bajataarratti muuxxannoo qooddachuu eerameera.

Ministeera Dhimma Alaatti Daayrektar Jeneraalli Dhimmoota biyyoota Baha Guddugalaa, Eeshiyaafi Paasiifikii Ambaasaaddar Gabayyoo Gaang, waljijjiirraan muuxannoo taasifame dippiloomaasii paarlaamaa biyyoota lameenii kan cimsu ta’uu ibsaniiru.

Waljijjiirraan muuxxannoo kun milkaa’aa akka ta’uuf dursamee marii barbaachisaan taasifamuu kaasaniiru.

Paarlaamaa Hindiitti Ministirri Dhimmoota Alaa Muulaariid Haaraan, hariiroo biyyoota lameenii guddachaa dhufe dameesaa akka babal’isuuf dameewwan diinagdeefi siyaasaan muuxannoo waljijjiiruun gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Hindi muuxannoo gaarii damee barnootaarratti qabdu Ityoophiyaaf qoodaa jiraachuu kaasuun, barsiisonni Hindi kumni 1 ol dhaabbilee barnootaa olaanoo Ityoophiyaa keessa barsiisaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Hariiroon dippiloomaasii biyyoota lameenii waggoottan 75 ol lakkoofsisuu yaadachiisuun, yeroodhaa gara yerootti cimaa dhufuu ibsanbiiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment