Walitti hidhamiinsi gabaa Oro-Fresh shammattoonni oomishaalee gatii madaalawaan akka argatan taasisuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Walitti hidhamiinsi gabaa Oro-Fresh shammattoonni oomishaalee gatii madaalawaan akka argatan taasisuu ibsameera.

Faanaa Broodkaastiing Korporeet bakkeewwan gabaa Oro-Fresh magaalaa Finfinnee naannoo Saarbeetii fi Jamootti argamanitti imala taasiseen fayyadamtoonni wayita oomishaalee gabaa gatii madaalawaan bitatan daawwateera.

Shammattoonni oomishaalee qonnaa gatii madaalawaan bitachuutti gammaduu ibsuun walitti hidhamiinsi gabaa kun bakkeewwan biroottis akka babal’atuu fi itti fufiinsa akka qabatu gaafataniiru.

Walitti hidhamiinsi gabaa kun giddu seentummaa dallaalaa dhabamsiisuun oomisha qulqullina qabu gatii madaalawaan hawaasaaf dhiyeessuunii fi qaala’iinsa gatii tasggabbeessuuf ga’ee olaanaa taphachuu Ejensii Hojiilee Waldaa Oromiyaatti Dursaan Garee Bittaa obbo Tashitee Gammadaa ibsaniiru.

Waldaaleen oomishtoota Oromiyaa haala itti fufiinsa qabuun oomishaalee fayyadamtootaaf dhiyeessuuf waldaalee shammattootaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Tigist Silashiitu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment