Walitti hidhamiinsa naannawaa gabaa bilisaa Afrikaa cimsuun carraa guddaa filannoo gabaa ta’uusaa beekuun barbaachisaadha- Dooktar Fitsum Asaffaa

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC ) –  Walitti hidhamiinsa naannawaa gabaa bilisaa Afrikaa cimsuun carraa guddaa filannoo gabaa ta’uusaa beekuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan.

Dooktar Fitsum kana kan jedhan wayita Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa karoora raawwii guyyaa 100 dhaabbilee mootummaa gamaggametti.

Ministeerichi raawwii karoora guyyoota 100 Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa gamaggameera.

Gamaggama Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaarratti taasifameen gaaffilee garee gamaggamaarraa ministeerichaaf dhiyaate Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa obbo Biraanemasqal Caalaan ibsa laataniiru.

Dooktar Fitsum Asaffaan walitti hidhamiinsa naannawaa gabaa bilisaa Afrikaa cimsuun carraa guddaa filannoo gabaa ta’uusaa kaasaniiru.

Hariiroo daldalaa gamlamee fi waliigaltee, oomishaalee alaa, oomishaalee keessaa, tajaajila galmeessa eeyyama daldalaa teeknooloojiin waliin ga’uu, gatii gabaa tasgabbeessuu fi daldala seeraan alaa to’achuurratti raawwii gaariin galmaa’uu ibsaniiru.

Oomishaalee keenyaaf gabaa bal’isuun nurra jira jechuu isaanii ragaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaarraa argame ni mul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment