Walitti bu’iinsi Sudaan keessatti uumame itti fufuu ibsame

Finfinnee, Eebla 9, 2015 (FBC) – Walitti bu’iinsi Sudaan keessatti uumame babal’achaa jiraachuu ibsameera.

Hanga ammaattis namoonni nagaa 100 ol ta’an ajjeefamuu himameera.

Lola Sudaan keessatti humnoota addaa ‘Rapid Support Forces’ jedhamuu fi humna ittisaa biyyattii gidduutti uumame guyyaa sadaffaaf itti fufeen namoonni nagaa 100 ol ajjeefamuu BBCn gabaaseera.

Magaalaa guddoo biyyattii, Kaartum keessatti dhukaasni gurguddaa akkuma itti fufetti kan jiru yoo ta’u, gara magaalota biyyattii biroottis babal’ataa jiraachuu eerameera.

Walitti bu’iinsa kanaan qabeenyi hedduun barbadaa’uu ibsameera.

Namoonni kuma 1 fi 100 ol ta’an madaa’uus eerameera.

Haalli Kaartum keessa jiru akka malee yaaddessaa ta’uu fi sababa waraanaan hanqinni dhiyeessii meeshaalee yaala fayyaa mudachuu ibsameera.

Wal-dhabdeen kun waraana Sudaan kan hogganaa waraana Sudaan Jeneraal Abdul Fattaah Al-Burhaaniin durfamuu fi humna Addaa Itti aanaa isaanii kan turan Mohaammad Hamdaan Deegaloo gidduutti kan uumame ta’uu himameera.

Waldhabdeen kun qaama qabsoo fedhii aangoo qabachuu qondaaltoota waraanaa biyyattii keessatti adeemsifamaa ture keessaa tokko yoo ta’u, amma waliigaltee dhabuun gara waldhabdee ifatti jijjiirame jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment