Walitti bu’iinsi kutaa Kaabaa Ityoophiyaa akka dhaabbatuuf Ameerikaan ABUT deeggaruu keessaa ba’uu qabdi-Broonwaayiin Biruutaanii fi Proofeesaar Aan Faatiiz-Jaarildi

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Walitti bu’iinsi kutaa Kaabaa Ityoophiyaa akka dhaabbatuuf Ameerikaan ABUT deeggaruu keessaa ba’uu qabdi jechuun Broonwaayiin Biruutaanii fi Proofeesaar Aan Faatiiz-Jaarildi ibsaniiru.

Mana Maree Atilaantiikiitti waayila giddugala Afrikaa kan ta’aan Broonwaayiin Biruutaanii fi dura teessuun dhimmoota manneen barnootaa idil addunyaa Baalsiilii akkasumas Proofeesara tumsaa idil addunyaa Aan Faatiiz-Jaarildi barreeffamaa barruu Imaammataa Fooreeyiin irratti baasaniin, Ameerikaan garee shororkeessaa ABUT’tiif looguun dogoggooraa raawwataa turtuus  walitti bu’iinsi kutaa Kaabaa Ityoophiyaa akka dhaabbatuuf ABUT deeggaru keessaa ba’uu qabdi jedhaniiru.

Hayyoonni kunneen barreeffama isaaniin waggaa afuur duraa gareen shororkeessaa ABUT waggoota 27’f biyyatti bulchaa tureerratti uumatarraa hokkirri ka’uun aangoosaarra fonqolchameera jedhan.

Muummeen Ministira Abiy Ahimad gara giddugala aangootti erga dhufanii booda gaaffii uummata deebisuuf socho’aa turaniiru jedhan.

Mootummaa MM Abiy Ahimad hin fudhadhuu jechuun gara Tigraayiin imaluun da’annaa taasifachuu dursee kan karoorsee ABUT diinagdee biyyattii fi humna raayyaa ittisa biyyaa to’achuuf hojjeteera jedhan.

Biyyoonni dhihaa hedduun jijjiirrama dhufeen gammadanis tokko tokko ammoo ABUT waliin walitti bu’iinsa akka muudatuu dubbata akka turan barreesitoonni kunneen himaniiru.

Barreeffamaa isaaniin Muummeen Ministira Abiy Ahimad Eertiraa waliin nageenya buusuun badhaasa Noobeeliif qaqqabuu himaniiru.

MM Abiy Ahimad nageenya buusuuf jila nageenya gara naannoo Tigraayiitti erganis gareen shororkeessaa ABUT fudhatama dhabsiiseera.

Aanga’oonni naannoo Tigraay kutaa kaabaa Ityoophiyaatti raayyaa ittisa biyyarratti haleellaa raawwachuun waraanicha kakaasaniiru jedhu barreessitoonnii kunneen.

Gareen shororkeessaa ABUT haleellaa kanaan booda naannoo Amaaraatti bifaa duguuggaa sanyiitin Maayikaadiraatti lammiilee  dhibbatti lakka’aaman ajjeeseera.

Miidiyaaleen lixaa ajjeechichaan mootummaan itti gaafatamuu akka qabu akkasumas naannoo Tigraayiirratti duguuggaa sanyii akka raawwatee taasisuun ajandaa bocaanii hojjetaa akka turan kaasaniiru.

Dhaabbileen miidiyaa kunneen garee shororkeessaa shaneef beekkamti laachuun garichi ABUT waliin  uummataa Oromoo garbumaarra bilisaa baasuuf waloon hojjechaa jiraachuu isaanii  hawaasa idil addunaaf ibsa turaaniiru.

Dhaabbalee miidiyaa dabalatee dhaabbileen deeggarsa idil addunyaa ABUTtiin deeggara akka turan ibsameera.

Yeroo amma kana dandeettin ABUT laafaa dhufuun walqabsiisee dhaabbileen miidiyaa dhimmicha akka duraa afarsuurraa deebi’aniiru jedhu barreessitoonni kunneen.

Bulchiinsi Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidaan sababa tokko malee yakka garee ABUT haguuguuf mootummaa Ityoophiyaarratti adabbiin kaayyeeffateerra akka of qusatu kaasaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment