Walitti bu’iinsaan naannawaa miidhaman deebisanii ijaaruuf baajatni Doolaaraa miiliyoona 60 ragga’e

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 (FBC)- Ityoophiyaatti sababa walitti bu’iinsaan Pirojektii naannawaa miidhaaman deebisanii ijaaruuf koreen hundaa’e bara baajataa 2016’tti walitti bu’iinsaan naannawaa miidhaaman deebisanii ijaaruuf kan ooluu baajanni Doolaara miiliyoona 60 ragga’e.

Magaalaa Bishooftuutti walga’ii koree olaanaa gaggeeffameen raawwii bara 2015 fi karoora 2016 irratti hoggantoota Waajjira Qindeessaa fi Hojiirraa Oolmaa Pirojetichaan dhiyaatee irratti mari’atameera.

Bara 2016 qaamoleen dhimmichi ilaallatuu itti gaafatamaa isaanii akka bahataniif tajaajilootaa bu’uuraa hawaasaaf dhiyaachuu qaban hojiirra oolchuuf sochii cimaa taasisuun akka eegamuu kallattiin kaa’amuun eerameera.

Hojiilee karoorfaman gaggeessuufis baajata Doolaarri miiliyoona 60 miseensotaa koree olaanaan ragga’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Walitti bu’iinsaan Pirojektiin naannawaa miidhaman deebisanii misoomsuu Mootummaa Ityoophiyaa fi Bankii Addunyaa gidduutti waliigaltee mallatteeffameen bara faranjootaa 2022 eegalee Baajata Doolaaraa miiliyoona 300 waggoota shaniif hojiirraa kan ooluudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment