Walitti bu’iinsaa fi sodaa nageenyaa keessaa ba’uun gara badhaadhinaatti ce’uuf hoggansi kutannoo qabaachuu gochaan argisiisaa jira-Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Hagayya 12, 2016 (FBC)- Naannoon Amaaraa walitti bu’iinsaa fi sodaa nageenyaa keessaa ba’uun gara badhaadhinaatti ce’uuf hoggansi naannichaa kutannoo qabaachuu gochaan argisiisaa jiraachuu Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.

Karooraa tarsiimawaa diinagdee gooroo waggootaa shanii naannichaarratti waltajjiin marii gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Obbo Tamasgeen Xurunaan dabalatee Afyaa’ii Mana Maree Naannichaa Faantuu Tasfaayee, Pireezidaantii Naannichaa Obbo Araggaa Kabbadaa fi qondaaltonni biroon argamaniiru.

Karoorichi muuxannoo biyyootaaalaa kan hammatee fi beekumsaa ceesisoon kan gabbate ta’uu Obbo Tamasgeen dubbataniiru.

Ummata walitti bu’iinsaa fi rakkoolee keessaa gara badhaadhinaatti kan ceesisu marii seena qabeessa ta’uu ibsuun, kaayyoon waltajjichaas karoora yeroo dheeraa waggoota 25 irraa kan waraabame karoora tarsiimawaa waggoota shanii naannichaa qeequu, galteewwan karooricha gabbisan walitti qabuu, hoggansi abbummaan deeggarsa akka taasisuuf haala mijataa uumuuf akka ta’e dubbataniiru.

Pireezidantiin Naannoo Amaaraa Obbo Arggaa Kabbadaan gama isaaniin, karoorichaaf hoggansa deeggarsa fi walta’iinsaa cimaa akka taasisan gaafataniiru.

Nageenyi naannichaa akka mirkanaa’uu fi misoomni yeroo gababaa keessatti akka dhugoomus akeekaniiru.

Karoorri agarsiistuu Dingdee Gooroo naannichaa baatiiwwan 6’n dhufan marii qaamolee garaagaraan akka gabbatu eeraniiru.

Firehiiwot Saffiiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment