Walisootti Pirojektiin Bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 371’n ijaaramaa jira

Finfinnee, Guraandhala 6, 2016 (FBC)- Magaalaa Walisootti pirojektiin bishaan dhugaatii birrii miliyoona 371 ijaaramaa jiraachuun ibsame.
 
Pirojektiin kun gaaffii yeroo dheeraa uummata magaalichaaf ta’uu fi rakkoo bishaan dhugaati qulqulluu magaalichaa kan furuudhaa jedhameera.
 
Hoji Raawwachiisaa Itti Aanaan Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Walisoo Obbo Fiqiruu Nageessoo akka himanitti baajata bulchiinsa magalichaa, mootummaa naannoo fi dhaabbilee miti mootummaan pirojektoonni misoomaa garagaraa saffisaan hojjetama jiru.
 
Pirojektoota kanneen keessaa bajata mootummaan naannoo Birrii miiliyoona 371 pirojeektii bishaan dhugaatii qulqulluu hojjetamaa jiru waggoottan shantamman dhufaniif jiraatota magaalichaaf kan tajaajilu ta’uun ibsameera.
 
Pirojektii kanaaf boolli bishaanii gad fagoon sagal qotamanii xumuramuu himanii ijaarsi waliigalaa isaa barana xumuramuun tajaajila kan kennuu ta’uu TOI gabaaseera.
 
Akkasumas paarkiiwwaan qarqaraa daandii fi Buufanni konkooltaa sadarkaa isaa eeggatee hojjetamaa jiraachuu Obbo Fikruun ibsaniiru.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment