Walirraa hiiqinsi qaamaa iddoowwan gabaa fi geejibaatti hojiirra ooolaa akka hin jiraatin ibsame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2012 (FBC) – Walirraa hiiqinsi qaamaa iddoowwan gabaa fi geejibaatti hojiirra ooolaa akka hin jiraatin ibsame.
 
Koreen Biyyoolessaa Ittisa Vaayrasii Koroonaa marii intarneetiin gaggeessera.
 
Waajjirri Muummee Ministiraa akka beeksisetti marichaan hojiin hojjetamaa jiru gamaaggamamee kallattiin kaa’ameera.
 
Walirraa hiiqinsi qaamaa hojiirra akka oolu hojiin hubannaa uumuu hojjetamaa turus, iddoowwan gabaa fi geejibaatti hojiirra oolaa akka hin jiraatin ibsameera.
 
Walgeettiiwwan amantaa tamsa’ina vaayrasii koroonaaf haala mijeessaa jiraachuun ibsamuun, of eeggannoo fi qajeelfamoota hojiirra oolchuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Hojiin hubannaa uumuu seera kabachiisuu waliin ni hojjetamas jedhameera.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hawaasni dhibicharraa akka of eegu, hojiiwwan hubannaa uumuuf xiyyeeffannaa akka laatu, qajeelfamoota laataman akka hordofu waamicha dhiyeessaniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment