Waliingahiinsa fayyaa hundagaleessa milkeessuuf hojjetamaa jira- Dooktar Liyaa

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2016 (FBC)- Faayinaansii fayyaa fooyyessuun waliingahiinsa fayyaa hundagaleessa milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeeraa Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan dubbatan.

Yaa’iin Fayyaa 25ffaan mata duree “Faayinaansii fayyaa cimaa misooma fayyaa waaraaf” jedhuun Magalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Dooktar Liyaan yaa’icharratti akka himanitti, walitti bu’iinsi, weerarri garaagaraa, hongee fi taateewwan biroon gufuulee damichaati.

Keessumaa dhibeen busaa bara 2014 as dabalaa dhufuun damichaa qormaata keessa galchuu himanii sadarkaa biyyaalessaatti namoonni miiliyoona1.6 dhibeechaan qabamuu himaniiru.

Bara 2015 ammoo namoonni dhibee busaan qabaman miiliyoona 3.3 ga’uu eeraniiru.

Dhibee busaa dabalatee weerara kooleeraa fi weeraroota biroo ittisuu fi to’achuuf karoora waggoota sadan dhufanii irratti xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis, oomisha qoricha biyya keessaa dabaluun dhiyeessii qorichaarratti rakkoolee mul’atan hambisuuf akka hojjetamu ibsaniiru.

Keessumaa kutaalee biyyattii keessatti dhaabbilee fayyaa manca’an gara hojiitti deebisuun kallattii xiyyeeffannaa ta’uu kaasaniiru.

Yaa’icharratti Kan argaman Kantiibaan Bulchiinsa Mgaalaa Finfinnee Aadde Adaanecha Abeebeen Finfinnee giddugala tuuriizimii fayyaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Dhaabbilee fayyaa magaalattiitti argaman hundaatti tajaajila madaalawaa fi qulqullina qabu kennuuf xiyyeeffanaan kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru.

Zuufaan Kaasaahuun fi Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment