Waliigaltichaan booda boqonnaa arganeerra-Jiraattoota

Finfinnee, Mudde 8, 2017 (FMC)-Waliigaltee Nageenyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi WBO gidduutti taasifameen booda boqonnaa arganneerra jedhan jiraattoonni Godina Shawaa Lixaa aanaalee garaagaraa.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa garaagarummaa siyaasaa mariin furuuf yeroo garaa garaatti humnoota hidhatannii Naannoo Oromiyaa keessa socho’aaniif waamicha nageenyaa taasisaa turuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan, tibbana Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi qondaala Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti waliigalteen Nageenyaa mallatta’uun hordofee hidhattoonni WBO Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessaa socho’aa turan karaa nagaan galaa jiru.

Godinaalee hidhattoonni karaa nagaa filachuun gala jiran keessaa Godinni Shawaa Lixaa tokko yoo ta’u, waliigaltichaan booda sochii idilee isaanii nagaan gaggeeffachuu eegaluu jiraattoonni Aanaa Amboo FMC’f ibsaniiru.

Jiraataan Aanichaa Obbo Tarrafaan Goobaanaa akka ibsanitti, aanichatti rakkoo nageenyaa hammataa keessa turuu yaadachiisanii, amma garuu boqonnee, raafne bulaa jirra jedhan.

Waggoottan sadan darbaniif Magaalaa Amboorraa Geejjibni gara naannawaa isaanii dhaqu addan citee turuu fi waliigaltichaan booda tajaajila kennuu eegaluu dubbataniiru.

Jiraataan Aanichaa kan biraan Obbo Lammaa Dabalee gamaasaaniin, Nageenyi aanichaa keessatti mul’achuutti gammaduu ibsuun, hidhattoonni bosonatti hafan karaa nagaan akka galaniif maatii fi qooda fudhattoonni gahee isaanii akka bahatan gaafataniiru.

Bulchaan Aanaa Amboo Obbo Masarat Guddisaan, aanichaa keessaa kanaan duraa rakkoon nageenyaa bal’inaan turuu ibsuun, waliigaltichaa as garuu nageenyi mirkanaa’aa dhufuu ibsaniiru.

Tajaajilli Geejjibaa waggootaniif addaan citan tajaajila eegaluu, manneen barnootaa, buufanni fayyaa fi kanneen biroon tajaajila kennaa jiraachuus dubbataniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #

Comments (0)
Add Comment