Waliigalteen wabii inshuraansii fayyaa kennufi dandeesisu mallatteeffame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2012 (FBC) – Ogeeyyii fayyaa fi ogeeyyii biroo tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa kennaniif waliigalteen wabii inshuraansii fayyaa kennuufi dandeesisu mallatteeffameera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Liyaa Taaddasaa fi Hojii Gageessaa Olaanaa Dhaabbata Madin Ityoophiyaa obbo Natsannaat Lammeessaa waliigalticha mallatteessaniiru.

Bu’ura waliigaltichaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ogeeyyii fayyaa dhaabbilee fayyaa adda addaa keessa hojjetaniif wabiin inshuraansiin fayyaa ni taasifamaaf jedhameera.

Waliigaltichis ogeeyyii fayyaa tursiisa addaa, kuwaarantayinii, jiddugala qorannoo laaboratoorii, garee deebii hatatamaa kennuu, kutaa wal’aansa tasaa fi kutaalee biroo keessa hojjetan ni hirmaachisas jedhameera.

Akka gabaasa Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti dabalataanis qulqulleessitoota, konkolachistoota ambulaansii fi ogeeyyii kallattiin dhibee kanarratti hojjetanis fayyadamaa wabii inshuraansii fayyaa akka ta’an ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment