Waliigalteen Ulaa Galaanaa Mallateeffame Seenaa Biyya Keenyaa Keessatti Boqonnaa Haaraa Kan Saaqedha-BKO

Finfinnee, Mudde 25, 2016 (FBC)-Waliigalteen Ulaa Galaanaa Mallateeffame Seenaa Biyya Keenyaa Keessatti Boqonnaa Haaraa Kan Saaqedha jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse,.

Biirichi ibsa baaseen Qormaata damdaneessa keessa jirru injifachaa badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuun imala biyya jabduu ijaaruuf eegalle galmaan ni geenya jedheera.

Guutuun ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Mootummaan jijjiiramaa Paartii Badhaadhinaan hogganamu kan karoorse gochaan deeggaree kan agarsiisu imala mul’ata guddaa Itoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afriikaa taasisuuf hojii hojjetamaa jiru dhugoomsaa kan jirudha.

Kanaanis biyya diigamuuf qarqararra geessee baraaree ashaaraa seenaan yaadatamaa jiraatu kaa’eera.

Dinagdee liqaan burkutaae bayyanachiisuunis alergii guddisee oomishaalee alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuun mootummaa waan karoorse hojjetee dhugoomsu ta’uus raggaasiseera.

Imalli biyya jabduu ijaaruu eegalames Falaasama Ida’amuutiin tumsamee, diinagdee damdaneessaatiin utubamee yaadama biyya keessaa madde hojii irra oolchuun injifannoo haaraa galmeessaa jira.

Imaammatni hariiroo haajaa alaa Kennanii Fudhachuu’ ijaarrachaa jirrus toora milkaa’inaa maqaa gaarii biyya keenyaa olkaasaa jiruufi karoora tarsiimo’aa fedhii waliin guddachuu Itoophiyaan biyyoota ollaa ishee waliin qabdus kan dhugoomsedha.

Waliigalteen Ulaa Galaanaa Itoophiyaan Somaaliiland waliin mallatteessites carraa Ulaa Galaanaa kan nu gonfachiise qofa osoo hin taane imaammata Haajaa Alaa biyyoota ollaa wajjin qabnu obbolummaafi waliin guddachuu irraatti kan xiyyeeffate ta’uu kan agarsiisudha.

Kanaanis Itoophiyaaf seenaa haaraan dhalootaaf dabarsinu hojjetameera.

Milkaa’inni kun hooggansa bilchina qabu Looretiin Nagaa Addunyaa, Ministira Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad kennaniin kan argameefi injifannoo boqonnaa seenaa haaraa keessatti galmaa’e isa olaanaadha.

Mirgi Ulaa Galaanaatti fayyadamuu Itoophiyaan hariiroo dippilomaasiin gonfatte kun qormaataawwan damdaneessa injifachuun seenaa biyya Keenyaa Keessatti boqonnaa haaraa kan saaqedha.

Diinonni keenya fagoofi dhiyoo ta’e jedhanii, itti yaadanii karoorsuun biyya keenya Ulaa Galaanaa irraa fageessanii kan turan yoo ta’es mootummaan jijjiiramaa tarsiimoo dantaafi birmadummaa biyya keenya kabachiisuu danda’u bocuun mirgoota itti fayyadama Ulaa Galaanaa biyya keenya irraa mulqamee ture deebisee gonfachiisuu danda’eera.

Jaarraa 21ffaa dorgommiin dinagdee, olaantummaan siyaasaafi hariiroon hawaasummaa wal xaxaa ta’e kana keessatti Ulaa Galaanaa malee jiraachuun itti fufiinsa biyyaafi dhaloota egereef danqaa guddadha.

Itoophiyaan qormaata damdaneessa ta’e kana hoggansa bilchina qabuun injifachuun milkaa’inni gonfachuu jalqabde kun imala gara badhaadhinaatti geessu kan saffisiisu; dhageettii Itoophiyaan sadarkaa Idil-Addunyaatti qabdus kan olkaasudha.

Imala Badhaadhinaa waggoota Shanan darbee keessatti hooggansi jijjiiramaa tooftaafi tarsiimoon masakamee dantaa biyyaa eegsisuufi birmadummaa biyyaa guutuu taasisuu keessatti injifannoon argame guddaa; deeggarsi uummanni keenya roga hundaan taasisaa jirus dachaadha.

Hojii hanga ammaatti uummanni keenya hooggansa isaa waliin qindoomuun hojjeteefis galata dhiyeessaa birmadummaa biyya keenyaa guutuu taasisuuf tumsi uummata keenyaa guddaadha.

Mootummaan keenyas biyya jabduufi badhaate ijaaruuf bifa tarsiimowaafi hoogansa bilchina qabu kennuun badhaadhina hunda galeessa ta’e dhugoomsuuf hojii hojjechaa jiru uummanni keenya utubee ceesisuu akka qabu Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dhiyeessa.

Qormaata damdaneessa keessa jirru injifachaa badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuun imala biyya jabduu ijaaruuf eegalle galmaan ni geenya.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Mudde,2016

Finfinnee

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment