Waliigalteen Tumsa Bu’uura Laga Abbayyaa abjuu Biyyoota Yaa’aa kan dhugoomsuudha- Ambaasaaddar Taayyee

Finfinnee,Fulbaana 18,2017(FBC)_Waliigalteen tumsa bu’uura Laga Abbayyaa abjuu guddinaa fi waloon badhaadhu Biyyoota yaa’aa kan dhugoomsuudha jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen.

Ambaasaaddar Taayyeen Yaa’ii waliigalaa 79ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ameerikaa Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jirurratti haasawaa taasiisaniin, Bu’uurrichi gara boqonnaa hojiiraa oolmaatti seenuuf akka jiru ibsaniiru.

Waliigaltichi itti fayyadama qabeenya bishaanii haqa qabeessaa fi madaalawa kan uumuudhas jedhan.

waliigalteen tumsa bu’uura laga Abbayyaa abju waloon guddinaa fi badhaadhina biyyoota Yaa’aa kan dhugoomsuu fi bu’uura seenaa qabeessa ta’uu himuu TOI gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment