Waliigalteen teeknooloojii damee jallisii guddisuu fi humna namaa ogummaa qabu oomishuuf dandeessisu mallatteeffame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Waliigalteen teeknooloojii damee jallisii guddisuu fi humna namaa ogummaa qabu oomishuuf dandeessisu mallatteeffameera.

Waliigaltichi Ministeera Jallisii fi Naannolee Gammoojjii fi Ministeera Hojii fi Kalaqaa gidduutti mallatteeffamuu ibsameera.

Dhaabbileen lameen dhimmoota waliin hojjechuu danda’an irratti sanada waliigaltee waliif kan mallatteessan yoo ta’u, waliigalticha Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannolee Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammadii fi Ministirri Ministeera Hojii fi Kalaqaa aadde Muufariyaat Kaamil mallatteessaniiru.

Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannolee Gammoojjii Injinar Ayishaan damee jallisiirratti humni namaa hedduun kan bobba’u ta’uu kaasuun humni namaa damicharratti bobba’uu hubannoo teeknooloojii damichaa akka qabaatuu  fi fayyummaan isaa kan eegame akka ta’uuf waliigaltichi mallatteeffamuu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Hojii fi Kalaqaa aadde Muufariyaat Kaamiil gamasaaniin teeknooloojii damee jallisii guddisuuf, humna namaa dandeettii fi ogummaa qabu oomishuu fi lammiilee damicharratti bobba’aniif nageenyi ogummaa isaanii akka eegamuuf waliigalteen kun mallatteeffamuu eeruu isaanii ragaan Ministeera Jallisii fi Naannolee Gammoojjiirraa argame ni mulisa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment