Waliigalteen Sosochii “Itiyoophiyaan haa Oomishtuu” tumsu mallatteeffame

Finfinnee, Ebla 12, 2016 (FBC)-Waliigalteen sosochii ‘Itiyoophiyaan haa oomishtuu’ tumsu Ministeera Indaastirii fi Ejensii Walta’iinsa Idil Addunyaa Jaappaan gidduutti mallatteeffameera.

Waliigaltichas Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebalii fi Bakka Bu’aa Olaanaa Ejensichaa Keensuukee Ushiimaa mallateessaniiru.

Waliigaltichi deeggarsa ijaarsa dandeettii, teekinikaa fi imaammataa waggoottan afuriif kan hojiirra oolu ta’uun ibsameera.

Waliigaltichis Waajjira pirojektii sosochii “Itiyoophiyaan Haa Oomishtu”, dandeetii abbootii qabeenyaa dhuunfaa fi waldaalee damee indaastiriirratti bobba’anii cimsuuf kan tumsuudha jedhameera.

Obbo Malaakuu Allebal eejensichi deeggarsa maallaqaa taasisuutti dabalataan deeggarsa beekumsaa, ogummaa fi ce’umsa teeknooloojii akka taasisuu gaafataniiru.

Kunis guddinaa fi dorgomtummaa damichaarratti jijjiirama akka fidu dubbataniiru.

Keensuukee Ushiimaa gama isaaniin, Itiyoophiyaan ce’umsa diinagdee fiduuf sosochiin ‘Itiyoophiyaan haa oomishtuu’ damee indaastirii maanufaakchariingiirratti jijjiirama fiduuf eegalteef deeggarsa beekumsaa, teeknooloojii fi ijaarsa dandeetti akka taasisan ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment