Waliigalteen rakkoo gabaa indaastirii oomishaa furuu dandeessisu mallatteeffame

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Ministeerri Indaastirii dhaabbata dhuunfaa GTS jedhamu waliin waliigaltee rakkoo dhiyeessii galtee fi hanqina  gabaa indaastirii oomishaa furuu dandeessisu mallatteessuu ibsame.

Waliigaltechi rakkoolee dhiyeessii galtee fi hanqina gabaa furuun qaawwaa dhiyeessitootaa fi warren bitan gidduu jiru kan  duuchuu fi walitti hidhamiinsa isaanii kan cimsu ta’uu ibsameera.

Indastirii oomishaa olaanaa, giddugaleessaa fi xixiqqaa guddisuu fi gabaa diijitaalaan dorgomaa taasisuu kan dandeessisu ta’uu eerameera.

Waliigaltichaan hojiin  indaastirii oomishaa gama intarneetaan beeksisuu, jajjabeessuu, qindeesuu, leenjii kennuu fi odeeffannoo wal jijjiiruu kan hojjetamu ta’uu ragaan Ministeera Indaastiriirraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment