Waliigalteen qorannoo qindeessa gaazii uumamaa Ityoophiyaatti ijaarsisu dandeessisu mallattaa’e

Finfinnee, Eebila 20, 2012 (FBC) – Waliigalteen qorannoo qindeessa gaazii uumamaa Ityoophiyaatti ijaarsisu dandeessisu mallattaa’e

Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa FDRI dhiiyeenya biyya keenya naannoo Somaalee naannoo Alkuraanitti argame qabeenya gaazii uumaama faayidaarra oolchuuf hojiiwwaan garagaraa raawwachaa jira.

Dhiyeenyatti kuufama gaazii uumamaa sulula Ogaadeenitti misoome gabaadhaf dhiyeessuuf waliigalteen mallattaa’uun isaa ni yaadatama.

Waliigaltichaan gaazii uumaama gara dhangala’oo fi kannen birootti jijjiiruuf kan dandeessisu Dhaabbataa fi Teeknooloojii Ityoophiyaatti hundeessuf kan dandeessisu waliigaltee qorannoo baatii 12 waajjira ministeerichaa fi Teeknooloojii Giriin Koomiin guyyaa har’aa mallattaa’eera.

Teeknooloojiin Giriin Koom Ameerikaa Konistiraakshinii End Inaarjiing Hayoondaay waliin kan raawwataan proojakticha, qoranichi xumuramee gara hojiitti yoo galamu Doolaara Ameerikaa biiliyoonaa 3.6 ol ni galcha jedhame.

Dhaabbanni Qindeessa ijaaramu teeknooloojiiwwan garagaraa fayyadamuun gaazii uumamaa gara naafxaa, boba’aa Awuropilaanii akkasumaas oomishoota biroo kan dhiyeessu ta’uu himameera.

Waliigalteen biroo guyyaa har’aa mallatta’e Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Tigraay Godina Tigraay Dhihaatti dhaabbanni Adiiyaboo Kiruus jedhamu eeyyamni gaazii barbaadu kan laatameefidha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment