Finfinnee, Mudde 8, 2017 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti waliigalteen nageenyaa Mootummaa naannichaa fi qondaaltoota WBO giddutti taasifame ummataaf tasgabbii waaraa kan kennu ta’uu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa beeksise.
Pireezidaantiin Mana Marichaa Sheek Gaalii Muktaar akka himanitti; aadaa waldeeggaruuf i waloomaa hawaasni qabu cimsuu keessatti gaheen dhaabbileen amantii qaban olaanaadha.
Waliigalteen nageenyaa Mootummaan naannoo Oromiyaa fi qondaaltoota WBO gidduutti dhiheenya taasifame qaama hunda fayyadamtoota kan taasisuu fi jajjabeeffamuu qaba jedhan.
Waggoota muraasa darban naannicha bakka tokko tokkotti rakkoo nageenyaa mudateen jireenyaa fi sochii idilee lammileerratti dhiibbaa uumuu yaadachiisanii, waliigalteen nageenyaa taasifames uummataaf tasgabbii waaraa kan fidudha jedhan.
Fuulduratti naannolee biyyatti hundaatti nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf tattaaffiin taasifamu cimee itti fufuu akka qabus hubachiisuu TOI gabaaseera.
Kanneen hidhatan hundi garaagarummaa isaanii karaa nagaa akka furatan qaamoleen hunduu gahee isaanii bahachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
#Oromia #Ethiopia