Waliigalteen nageenyaa Sudaan Kibbaa hojiirra akka ooluuf Itiyoophiyaan gahee ishee ni bahatti-Obbo Dammaqaa Mokooniin

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC)- Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Bakka Bu’aa Addaa fi Itti Gaafatamaan Ergama Sudaan Kibba Niikoolaas Roolaand Leeyboorni Haayisoom waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan Nageenyi Sudaan Kibbaa akka mirkanaa’uu fi waliigalteen nageenyaa hojiirra akka ooluuf Itiyoophiyaan gahee ishee bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Hariiroo biyyoota lameen giddu gama seenaan, aadaa fi hariiroo ummataa fi ummataan jiru ka’umsa taasisuun, nageenyi naannawichaa akka mirkanaa’uuf hojjechaa jiraachuu Niikoolaas Roolaandi Leeyboorni Hayisoom ibsaniiru.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Sudaan Kibba erga taasisfamee eegalee nagaan bu’aa jiraachuun Itiyoophiyaan tattaaffii nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf taasifamuu kan deeggartuu ta’uun eerameera.

Niikoolaas Roolaandi Leeyboorni Hayisoom, nageenyi biyyoota ollaa akka mirkanna’uuf shoorri Itiyoophiyaan qabdu olaanaa ta’uun raawwii waliigaltee nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti taasifamuuf deeggarsa akka taasistu gaafataniiru.

Obbo Dammaqaan Sudaan Kibbaatti nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf humnoota lameen gidduu, wal amantaan, paartiileen siyaasaa, dhaabbiileen garaagaraa, biyyoonni ollaa fi dhaabbileen tola ooltotaa tumsaan hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Niikoolaas Roolaandi Leeyboorni Hayisoom, filannoo pireezidaantumma bara dhufu Sudaan Kibbatti gaggeeffamuu milkaa’inaan akka xumuramuuf, Gamtaan Afrikaa, Dhaabbanni Misooma Mootummoota Baha Afrikaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii waloon hojjechuun, hirmaannaan Ityoophiyaa olaanaa ta’uun isaa cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Obbo Dammaqaan rakkoo waaqtawa biyyoota ollaatti mudateen lammiileen Sudaan, Sudaan Kibba fi biyyoota biroorraa gara Itiyoophiyaa galuu fi lammiilee miiliyoona 1‘f tajaajila guutuu kenna jiraachuu himuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment