Waliigalteen nageenyaa Piriitooriyaa qajeeltoon rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa jedhu bu’aa galmeessisaa jiraachuusaaf agarsiistuudha- Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Mudde 19, 2015(FBC)- Waliigalteen nageenyaa Piriitooriyaa qajeeltoon “rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa” jedhu bu’aa galmeessisaa jiraachuusaaf agarsiistuudha jedhan Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin.

Obbo Dammaqaa Mokonnin dhimmoota yeroo biyyaalessaarratti Komishinara Dhimmoota Siyaasaafi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar Baankoolee Adiiwoyee waliin mari’ataniru.

Mariisaaniin, waliigalteen nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti Afrikaa Kibbaa magaalaa Piriitooriyaatti mallatteeffame qajeeltoon “rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa” jedhu bu’aa galmeessisaa jiraachuusaaf agarsiistuu ta’uu Obbo Dammaqaan kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment