Waliigalteen nageenyaa mallatteeffame nageenya Ityoophiyaaf tarkaanfii murteessaadha- Kaanaadaa

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015 (FBC) – Waliigalteen nageenyaa Mootummaafi ABUT gidduutti mallatteeffame nageenya Ityoophiyaaf tarkaanfii murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Kaanaadaa Meelaanii Jooliin ibsan.

Meelaanii Jooliin ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Kaanaadaan waliigaltee nageenyaa mootummaa Ityoophiyaafi ABUT gidduutti mallatteeffame kan dinqisiifattu ta’uu eeraniiru.

Waliigalteen taasifame nageenyaafi tasgabbii Ityoophiyaaf tarkaanfii murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Gamtaa Afrikaa dabalatee qaamolee adeemsa marii nageenyichaa keessatti hirmaatan hunda galateeffataniiru.

Kaanaadaan hojiirra oolmaa waliigaltichaaf deeggarsa kan taasiftu ta’uu mirkaneessaniiru.

Qaamoleen hundi nageenya lammiilee akka mirkaneessaniifi fedhii namoomaa uummata biyyattii akka furan gaafataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment