Waliigalteen nageenyaa galma akka gahuuf mootummaan tattaaffii eegale cimsee itti fufa- Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015 (FBC) – Waliigalteen nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti taasifame galma akka gahuuf mootummaan tattaaffii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu Ministirri Tajaajila Kominikeeshiinii Dooktar Laggasaa Tulluu ibsan.

Dooktar Laggasaa ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, xumurri waraanaafi walitti bu’iinsaa nageenya waaraa kan mirkaneesse akka ta’uu taasisuuf qaamoleen wareegama kaffalan kaleessa akkuma turan har’as kan jiran ta’uufi borus kan jiraatan ta’uu eeraniiru.

Imaanaan goototaa ijaarsa biyyaafi mootummaa cimaa ta’uu ibsaniiru.

Tattaaffiin nageenyaa biyyattiitti eegalame akka milkaa’uuf hedduun wareegama kaffaluu eeraniiru.

Tattaaffiin nageenyaa kun galama akka gahuuf, fedhiiin uummata biyyattii akka dhugoomuufi galmoonni biyyaalessaa kaa’aman akka milkaa’aniif hundi qajeeltoowwan waliigaltee nageenyaa taasifame kabajuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment