Waliigalteen nageenyaa daandii karoorfameen akka hojiirra oolu mootummaan hojjechaa jira-TKM

Finfinnee, Sadaasa 3, 2015 (FBC)- Waliigalteen nageenyaa daandii karoorfameen akka hojiirra ooluuf mootummaan hojjechaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Waliigalteen Afrikaa Kibbaatti mallateeffame daandii karoorfameen akka hojiirraa oolfamuu Mootummaan Ityoophiyaa hojjechaa jiraachuu ibsaa baaseen eereera.

Haaluma kanaan Naannolee Tigiraay to’annoo Raayyaa Ittisaa jala jiranitti deeggarsi akka qaqqabu taasifamaa jiraachuu ibseera.

Naannawaalee gadi dhiifamanittis tajaajiloonni bu’uuraa irraa jalaan jalqabamaa jiraachuu beeksiseera.

Naannawaa biroottis tajaajilaa eegalchiisuuf hidhattootaan bu’uuraalee misoomaa mancaafaman suphuuf haalonni mijatoon umamaa jiru jedheera.

Kana cinaattis bu’uura waliigaltee nageenyaan hidhattoonni ABUT karoora hidhannoo hiikkachuu irratti Ajaajaan Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaa fi Ajaajaan Hidhattoota ABUT Naayiroobiitti mari’ataniiru.

Waliigaltee nageenyaan yeroo qabamee keessatti hidhannoo akka hiikkatanii fi karoora Raayyaan Ittisaa Maqalee galuurratti waliigalaniiru jedheera.

Karoorichis fuulduratti hojiirraa akka oolu ibsuun, hojiirraa oolmaa karoorichaafis qaamoleen dhimmichi ilaallatu hunduu akkataa waliigaltechaan gahee irraa eegamu bahachuu akka qaban mootummaan hubachiiseera jechuun Tajaajilichi ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment