Waliigalteen nageenyaa biyyattiitti nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf bu’uura kan kaa’uudha-Naannoo Hararii

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2015 (FBC)- Waliigalteen nageenyaa biyyattiitti nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf bu’uura kan kaa’u mootummaa fi ummanni gara misoomaatti akka fuulleffatu carraa kan uumuudha jechuun Naannoon Hararii ibse.

Naannichi waliigaltee nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti gaggeeffme ilaalchisee ibsa baaseera.

Ibsa isaan waliigalteen mallatteeffame birmadummaa biyyaa, tokkummaa biyyaa fi nageenya waaraa mirkaneessuun kan xumurameedha jedheera.

Waraana kutaa Kaabaa nagaan goolabuuf waliigalteen mallatteefame biyyattiitti nagaa fi misooma mirkaneessuuf bu’uura kan kaa’uu fi mootummaa fi ummanni guutummaatti gara misoomaatti akka fuulleffatan carraa uumuu caalaa lammiilee sababa waraanichaan miidhaman deeggaruuf bu’uuraalee misoomaa deebisanii ijaaruuf dandeessisa jedhaniiru.

Mootummaan jalqabumarraa eegalee kutannoo nageenyaaf qabu irra deddeebiin argisiisuu kan yadatamuu ta’uun, mariin nageenyaas bu’aa ejjennoo mootummaan Ityoophiyaati jechuun ibseera.

Waliigaltechi Afrikaanonni rakkoolee isaanii ofii isaaniin furachuu akka danda’an qabatamaan kan mul’ise, kana malees imala badhaadhinaa fi nageenyaa eegalame akka hin dhugoomne qaamolee barbaadaan kan qaanfachiiseedha jechuun ibsichaan eereera.

Mootummaa fi ummanni naannichaa waliigaltee nageenyaa gaggeeffame hojirra akka ooluuf kan deeggaranii fi naannawaa waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti gumaacha irraa eegamu taasisuuf qophii ta’uu beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment