Waliigalteen Mootummaa fi ABUT gidduutti taasifame fudhatamummaa argachaa jira – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)- Waliigalteen Mootummaa fi ABUT gidduutti taasifame  sadarkaa Idiil Addunyaatti fudhatamummaa argachaa jiraachu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Mallas Alam  miidiiyaaleef ibsa kennaniin,  waliigalteen nageenyaa Mootummaa fi ABUT gidduutti mallatteeffame fudhatamummaa argachuu fi nageenya naannawaa Gaanfa Afrikaaf gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Biyyoonni garagaraas deeggarsa isaanii kan ibsatan ta’uu eeruun,  Pireezidaantiin Mana Mare Cee’umsa Birmaduummaa Sudaan Abdulfattaa Al-Burhaan Waliigaltichatti  gammaduu ibsaniiru.

Dabalataanis, biyyoonni kanneen akka Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa, Gidduugalaa Bahaa fi Paasifikii  deeggarsa qaban ibsuun eeraniiru.

Addunyaarraa teessoo dippiloomaasiin sadarkaa 3ffaarra kan jirtu Ityoophiyaan ,yaa’iiwwan Idil Addunyaa gaggeessaa jiraachuu eeruun, yaa’iin Bulchiinsa Intarneetii Idil Addunyaa kanaaf agarsiistuudha jedhan.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment