Waliigalteen karra galanaa argachuu ajandaa biyyaalessaa deeggaramuudha-Mana Marichaa

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Waliigalteen Itiyoophiyaa fi Somaaliilandi gidduutti mallattaa’e qajeelummaan kan fudhatamuu fi ajandaa biyyaalessaa waan ta’eef, hojiirra oolmaa isaaf deeggarsa akka taasisan Miseensonni Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa dubbatan.

Manni Marichaa haala yeroorratti miseensota isaa waliin mari’ateera.Waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi gidduutti taasifame irratti Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Ministiraa Uummee Ambaasaddar Reedwaan Huseen ibsa bal’aa kennaniiru.

Miseensonni mana marichaas yaada kennaniin waliigalticharratti ibsi kennamee odeeffanoo waldhahaa afarfamuu kan qulleessuu fi dhimma biyyaalessaarratti waloon dhaabbachuuf kan dandeessisuudha jedhaniiru.

Walitti Qabaan Mana Marichaa Dastaa Dinqaan, misoomnii fi guddinni Itiyoophiyaa akka barbaachisu tmanni marichaa kan amanuu ta’uu eeruun tattaaffii mootummaan eegalee akka milkaa’uuf deeggarsa akka taasisu mirkaneessuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment