Waliigalteen Itiyoophiyaa fi Soomaaliilaandi imaammaata naannawichaa waloon misoomsu kan bu’uuressudha jedhame

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Waliigalteen Itiyoophiyaa fi Soomaaliilaandi gidduutti mallatteeffame, faayidaa biyyaaleesaa ishee kan eegsisuu fi imaammata naannawicha waloon misoomsuu kan bu’uuressu ta’uu Ministiroonni ibsan.

Karra Galaanaa argachuun dhimma birmadummaa fi egeree biyyaa ta’uu hubachuun Itiyoophiyaanonni hundi hojiirra oolmaa isaaf tokkummaan dhaabachuu akka qaban dubbataniiru.

Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen, Itiyoophiyaan biyyoota ollaa waliin waloon misoomuu fi badhaadhinaa waloo imaammata mirkanneessu hojiirra oolchaa jiraachuu ibsan.

Biyyoonni Ardichaa, ummataan, aadaan, teessuma lafaan, seenaan kan walitti hidhaman ta’uu ibsuun, ejjennoo Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa naannawichaa mirkaneessuuf qabatteef karri galaanichaa shooraa olaanaa kan qabaachuu eeraniiru.

Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaan gamasaaniin, Itiyoophiyaan sababoota garaagaraan karra galaanaa dhabuun isheen rakkoolee hedduuf saaxileeraa jedhan.

Akka biyyaatti dhiibbaa dinaagdee fi siyaasa quubsumaarran gahuu eeruun, dhiibbaa kunis lammiilee hundaa kan miidhe ta’uu eeraniiru.

Waliigaltichi dandeetti dippiloomaasii Itiyoophiyaa kan dabaluu ta’uu isaan, dhaloota itti aanuu kan boonsuu fi waliigaltee seena qabeessaa ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment