Waliigalteen ijaarsa Piroojektii Bishaan dhugaatii Birrii biiliyoona 1.5 mallattaa’e

Finfinnee, Caamsaa 1, 2015 (FBC) – Piroojektii Bishaan dhugaatii fi qulqullina naannoo hawaasa kuma 49 fayyadamoo taasiisu Birrii biiliyoona 1.5 ijaaruuf waliigalteen mallattaa’eera.

Naannoo Somaalee Godina Liiban aanaa Guraadaajooleetti hawaasa hongeef saaxilamoo ta’an fayyadamoo taasisuuf Piroojektii ijaaramu ta’uu ibsameera.

Ministirri Ministeera Bishanii fi Inarjii Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittafaa fi Hojii Raawwachiisaa olaanaan Korporeeshinii Hojiilee Ijaarsaa Ityoophiyaa Injinar Yoonaas Ayyaalew waliigalticha mallatteessuu ibsameera.

Ijaarsa Piroojektichaa yeroo jedhame keessatti xumuruuf kan hojjetamu ta’uu waliigalticharratti ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment