Waliigalteen ijaarsa pirojektii Birrii biiliyoona 5.13 malatteeffame

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)-Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dhaabbata Kooriyaa Hansool Peeppar waliin ijaarsa pirojektii misoomaa baadiyyaa fi misooma jallisii bishaan lafa jalaa Birrii Biiliyoona 5.13 mallatteesseera.

Pirojektichi Oromiyaa Godinalee Shawaa Bahaa fi Shawaa Kibba Lixaa dirreewwan Ada’aa fi Bachootti kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Waliigaltichas Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Birhaanuu Leenjisoo fi Dursaan Garee Dhaabbata Hansool Peeppar Daviid Tooshaan mallatteessaniiru.

Ijaarsi pirojektichaa, meeshaalee misooma jallisii dhaabuu, dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu, giddugala leenjii qonnaa fi dhimmoota walqabatan biroo akkasumaas hojiilee qindeessa qonnaa kan hammatu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Dabalataan sirna bulchiinsa bishaanii “Plant Smart Pilot”, dhiyeessii maashinariiwwan qonnaa, deeggarsa hawaasaa, oppireeshinii yaalii giddugaloota leenjii qonnaa fi giddugala qindeessa qonnaa kan hammatu ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment