Waliigalteen ijaarsa misooma jallisii Kaazaa fi Tandaahoo mallatteeffame

Finfinnee, Eebila 28, 2012 (FBC) – Waliigalteen ijaarsa hidha Kaazaa 1, misooma jallisii Kaazaa 2 fi Tandaahoo mallatteeffame.
 
Hojichi baasii Birrii biiliyoona 4.7331 kan raawwatamu ta’a.
 
Hojichi ijaarsa deebisanii hojjechuu, suphaa fi ittisa lolaa bishaanii 16 kan dabalatudha.
 
Koomiishiniin Misooma Jallisii, Koorporeeshinii Hojiiwwan Koonistiraakshinii Ityoophiyaa, Suur Koonistiraakshinii fi Intarpiraayizii Hojiiwwan Koonistiraakshinii Bishaanii Afaar waliigalticha mallatteessaniiru.
 
Koomiishinarri Koomiishinii Misooma Jallisii Dooktar Mikaa’eel Mahaarii hojichi yeroo qabameef keessatti qulqullinaan akka hojjetamu dhaamaniiru.
 
Misoomni jallisii Kaazaa 1 fi 2 mootummaa naannoo Tigraayin kan hojjetamu yoo ta’u, lafa heektaara kuma 10 ol misoomsuun, qonnaan bultoota kuma 20 fayyadamoo kan taasisudha.
 
Kan Tandaahoo ammoo mootummaa naannoo Afaarin hojjetama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment