Waliigalteen ijaarsa daandii birrii biiliyoona 19.19 mallatteeffame

Finfinnee, Adoolessa 15, 2012 (FBC) – Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaa daandiiwwan 12 baasii birrii biiliyoona 19.19niin hojjechuuf dhaabbilee ijaarsa raawwatan waliin waliigaltee mallatteesse.
 
Daandiiwwan ijaarramuuf waliigalteen mallattaa’e kunneen Kiiloo Meerira 825.23 dheerata jedhame.
 
Baasiin daandiwwan 10 baajata mootummaa Ityoophiyaan kan uwwifamu yoo ta’u, kan daandiwwan lama ammoo liqii birrii Baankii Addunyaarraa argameen kan uwwifamu ta’uu ibsameera.
 
Dhaabbilee ijaarsa kana raawwachuuf waliigatee mallatteessan keessa 6 dhaabbilee biyya keessaa yoo ta’an kanneen hafan dhaabbilee idil addunyaa ta’uu himameera.
 
Ijaarsicha xumuruuf waggaa 1 fi baatii 5 hanga waggaa 4 kan fudhatu ta’uu himameera.
 
Daandiichi baadiyyaatti meetira 10 yoo ta’u, magaalaatti ammoo meetira 10 ol ta’uu ibsa ibsameera.
Comments (0)
Add Comment