Waliigalteen hammattoo Walta’iinsa Laga Naayil gara raawwiitti seene

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2017 (FBC)-Waliigalteen hammattoo Walta’iinsa Laga Naayil har’arraa eegalee gara raawwiitti seenuu Ministirri Ministeera Bishaan fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan beeksisan.

Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan dhimmicha ilaalchisuun ibsa kennaniin waliigaltichi har’arraa eegalee raawwiitti seenuun, guyyichi seenaa yaa’a agaa Naayil keessatti bakka adda qaba jedhan.

Ummanni Itiyoophiyaa, biyyoonni yaa’ichaa, mootummaa fi ummanni milkaa’ina seenaa qabeessa kana arguutti baga gammaddan jedhaniiru.

Waliigaltee kana wixinee isaarraa eegalee hanga har’aatti qaamolee gumaachan hundaa galateeffataniiru.

Waliigalteen hammattoo Walta’iinsa Laga Naayil raawwiitti seenuun, Komishiniin Yaa’a Laga Naayil hundaa’uu akka danda’u eeranii, komishinichis fayyadamummaa hundaaf Laga Naayil Bulchuu fi itti gaafatama eeguu akka qabaatu, walta’iinsichis dhagaa bu’uuraa ta’uun akka tajaajilu himaniiru.

Hammattoon Waliigaltee Walta’iinsaa Laga Naayil hammattoo seeraa waloo biyyoota yaa’ichaa, kutannoo waloo Laga Naayila faayidaaf oolchuu akkasumas qabeenyicha mirga walqixxummaa fi haqa qabeessan fayyadamuu kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.

Fayyadama lagichaa ilaalchisee haqa dabe ture kan qajeelchuu fi fayyadamummaa qabeenya waloo biyyoota yaa’a Laga Naayil kan mirkaneessu ta’uus kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment