Waliigalteen gaaffii bu’uuraa hojii barbaaddota magaalaa furuu dandeessisu mallatteeffame

Finfinnee, Bitootessa 26, 2014 (FBC) – Waliigalteen gaaffii bu’uuraa hojii barbaaddota magaalaa keessatti daran dabalaa dhufe furuu dandeessisu mallatteeffameera.

Waliigaltichi Ministeera Hojii fi Kalaqaa fi Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa gidduutti kan mallatteeffame yoo ta’u humna namaa ga’umsa qabu ijaaruun barbaachisaa waan ta’eef waliin hojjechuun dirqama ta’uu sirnicharratti ibsameera.

Amaloota wal xaxaa magaalonni qaban hubannaa keessa galchuun magaalonni madda oomishaa fi tajaajila si’ataa akka ta’an, fayyadamummaan teeknooloojii akka fooyya’uu fi sadarkaa olaanaan carraa hojii uumuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu eerameera.

Waliigaltichi bakka hojiitti tajaajiloota nageenyaa fi fayyummaa ogummaa mirkaneessan babal’isuu fi waliin hojjechuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.

Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment