Waliigalteen deeggarsa waaraa daa’imman 100’f taasisuuf mallatteeffame

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Mata duree “Maatiin tokko daa’imma tokkoof” jedhuun Waliigalteen deeggarsa waaraa daa’imman 100’f taasisuuf dandeessisuu mallateeffameera.

Waliigaltichis, Biiroo Dhimma Dubartootaa Daa’immanii fi Hawaasummaa, Koomishinii Hirmaannaa Hawaasaa fi Qindeessaa Tola Ooltummaa, Itiyoo Teelekoom fi MWS Tireediingiin mallatteefameera.

Magaalaa Finfinnee Kutaalee magaalaa hundaarraa daa’immaan maatiiwwan galii gadaanaa 100 hanga yuunivarsiitiitti barsiisuu fi deeggarsa taasisuuf sagantaa ijaarsa dhaloota egeree gaggeeffameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen saganticharratti ergaa dabarsaniin, haati, daa’imni ishee qaamaa fi sammuun wayita dagaaguu fi cimu arguu caalaa waanti gammachiisuun akkuma hinjiirre, bulchiinsi magaalichaas kanaaf hojiilee garaagaraa hojjechaa jira jedhan.

“Imaammatni nama irratti xiyyeeffatu kan hojjetu namaafi” jedhanii, kunis qajeelfama mootummaa keessaa isa ijoo ta’uu kaasaniiru.

Bulchiinsi magaalichaas, Finfinneen Afrikaa keessaa magaalaa daa’immaan guddisuuf mijattuu taasisuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Barattoonni sagantaa kanaan fayyadamtoota ta’an kutaalee magaalaa hundaatti Gannaa daa’immaan 330’f walitti hidhamiinsii deeggarsaa baatii sadii hanga waggaa sadii akka uumamuuf ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

Waliigalanis daa’imman 430 sagantaa tola ooltummaa kanaan fayyadamtoota ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment