Waliigalteen deeggarsa birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 90 mallattaa’e

Finfinnee, Adoolessa 17, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Jaappaan waliigaltee deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 90 mallatteessan.
 
Waliigaltichi Ministira Ministeera Maallaqaa FDRI obbo Ahimad Shiddee fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Jaappaan Maatsuunaagaa Daaysuukee gidduutti mallattaa’eera.
 
Deeggarsichi Ityoophiyaatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi meeshaalee yaala fayyaa bituuf kan oolu ta’uu ibsameera.
 
Bulchiinsa magaalotaa lamaanii dabalatee Hospitaloota naannoolee hundatti argamaniif meeshaalee yaala fayyaa dhiyeessuun sirna fayyaa ammayyeessuf tattaaffii taasifamu cimsuuf oola jedhame.
 
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Maatsuunaagaa Daaysuukee deeggarsichi weerara vaayrasii koroonaa dabalatee dhibeewwan daddarboo ittisuuf kan oolu akka ta’e ibsaniiru.
 
Deeggarsi kun hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu akka ta’e dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni muul’isa.
Comments (0)
Add Comment